Irreechi Aadaa, Seenaafi Duudhaa Oromooti


1. Aadaa Saba Oromoofi Kuushota
Biyyi keenya, Itoophiyaafi Afrikaa kaabni bahaa marti qaroomina dhala namaatiif yayyaba/hundee/ beekumsaa akka ta’an seenaarraa hubachuu ni danda’ama.
Itoophiyaanoonni waggoota kuma 12 dura turan gurraachotaafi Misroonni addunyaa keenyaaf gumaachi gama barumsa falaasamaafi amatiin walqabsiisuun kennaa turan jijjiirama gama kanaan dhufe keessatti adda dureen kan eeramaniidha.
Kanneen keessaa saayinsii falaasamaafi fayyoominaa gama amantaatiin argamuu danda’u maddisiisuun bu’uura kan ta’an Kuushota gurraachota. Jarreen kunniin dur Itoophiyaanota jedhamu ture. Itoophiyaa kan jedhamu lafa Misraa kaasee hanga Nuubiyaafi lafa galaana Hindiitti jiruudha.
Abbootiin keenya Kuushonni (Oromoo) dabalatee bu’uura amantiiwwan dhala namaa kan ta’e falaasama walxaxaa maddisiisuun amantii gadi fageenya qabuufi hiika guutuu qabu hordofaa kan turan yoo ta’u, namoota yeroo duraatiif dhimma fayyoomaa /salvation/ kan barsiisaa turaniidha.
Kunis, “Lubbuun namaa mana hidhaa qaamaa ykn nafaan marfamtee kan jirtu taatee turte du’aan kan bilisa taatuufi walaba kan taatus du’aa ka’insa booda yeroo Waaqayyo murtiif dhufuudha jechuuni” Kuushonni kan barsiisaa turan.
Yaadni kunis misiraachoo Abbootiin keenya Kuushonni dursanii yaada addunyaa kanaaf lafa kaa’aniidha. Innis ummattoota Waaqatti amananiif yaada ka’umsaa ta’uun yayyaba dhugeeffannaa yeroo booda uumanii biyya lafaa hedduu fudhatu ta’edha jedhanii dubbatu .
Barumsi Itoophiyaanota durii /Kuushotaa/ Nuubiyaa Misraafi Oromoo dabalatee dur kan kennamu luboota beekamoon Waaqni itti asaaseen yoo ta’u, hanga baroota 4000 B.C.tti beekumsa kana sammuutti akka qabatan barsiisuu malee barreeffamaan hinkennamu ture.
Yeroo booda garuu tooftaan heroogloofiksi /barreeffama Misraa durii/ qopheessuun iccittiinsaa eegamee barattoota biyya keessaafi alaatii dhufanis barsiisu eegalame jedhama.
Beekumsa kanas Awurooppaa Kibbaafi biyyoonni baha jiddugaleessaa gara Misraafi Nuubiyaa dhufuun fudhachaa turan. Kanneen keessaa kan akka Pershiyaa, Giriikiifi Roomaanota eeruun ni danda’ama.
Barumsa kana argachuuf gara Afrikaa dhufanii gara biyyaatti deebi’uun ummatasaanii barsiisaa turan. Kana keessaa namoota falaasamaan beekaman kanneen akka Piluutoo, Dimakritis, Aristootil, Payitaagoratiif kkf eeruu ni danda’ama.
Barumsi Kuushotaa kun iccitiinsaa eegamee manneen moototaa (Fari’oonotaa ykn royal academy) keessatti eegamaa ture. Barumsi sammuutti qabatanii akkuma seera Gadaa afoolaan dhalootaaf dabarsan kun tooftaa hanga ammaatti jiruudha.
2. Beekumsa Hayyoota Afrikaafi Giriikotaa
Baroota kuma shanii ol iccitiinsaa eegamaa erga turee booda, hayyoota biyyaa Giriikotaaf barumsa fudhachuu dhufaniif Guraachonni eeyyamaniifi iccitii dhoksuu dhiisuun ifatti barsiisuu eegalan. Haata’uutii hayyoonni barumsa argatan kunniin gara biyyaatti /Giriikitti/ yoo deebi’an waan hidhamaniifi ajjeefamaniif baay’eensaanii ni baqatu ture.
Kun beekumsa hambaa /kalaqa/ ummata Kuush fudhachuun /fiduun/ aadaa biyya keenyaa balleessuufi, jechuun yakkaan himatamu ture. Kunis hayyoonni Giriikotaa akka adabbii sodaachuun baqannaafi tokko tokkos ajjeefamaniif ta’a ture.
Kuushonni durii, abbootiin keenya qabeenyaafi beekumsa qaban kana saamuuf Pershiyaanotaan waraanni yeroo duraatiif weerara irratti gaggeesse isaan turan. Kunis qabeenya Kuushotaa akka saamamuufi barbadaa’u godhe.
Boodas baroota /600 B.Cfi bara 322 B.C/ duula Giriikotaafi dhumarrattis “Alexander” guddichaan weeraramte. Kuushonni gara kibbaatti baqatan Magaalaa Aleksaandariyaas maqaa isaatti moggaasuun qabate, mootiin kun.
Yeroo turtiisaaniis qabeenya Kuushotaa gara biyyasaanii Giriikitti fudhachuun Akkaadaamii moototaa saamuun duwwaa godhan. Lammiin biyyaa ykn Gurraachonni akka hinbaranne ugguruun dhoowwan.
Hayyoota beekamoo yeroo san mana kitaabotaafi lafa amantii Fara’oonotaa saamsisan keessaa Aristootil isa tokko. Qabeenya kana Gara Giriikitti fudhachuun mana barumsaa Aristootil akka banamu ta’e.
Qabeenya qofa saamuu otoo hinta’in beekumsa gurraachotaa fudhachuun kan ofii godhan. Gurraachota saamuun Aristootil kan ofii godhate. Abbaan qabeenyummaa gurraachotaa akka badu godhame. Giriikonnis abbaa itti ta’an.
Seenaan armaan olitti eerame kun namoonni gurraachonni Itoophiyaa durii ykn Kuushonni abbootiin keenya biyyoota har’a Afriikaa kaabaafi bahaa keessa faca’anii jiraachaa turan hagam akka seenaa isaaniin walfakkaatan ifa kan godhuudha.
Ummattoota Afrikaa kaabaafi bahaa keessa jiraatan keessaa Oromoon isa tokko. Kana malees amantiifi haalli dhugeeffannaa ummattoota naannawa kanaafi Kuushota Misraa duriirraa waanti dhaalame hedduudha. Seenaa dhimma akkanaatiin kan walqabatu keessaa tokko Ayyaana Irreechaafi duudhaan waaqeffannaa isa tokko.
3. Dhugeeffama Oromoofi falaasamasaa
Oromo ykn “Oro-MO” Hora ykn Ilma kaam jechuudha. Seenaansaa kana ta’e, waggoota kuma 12 dura “Asra” kan jedhamu mootonni Kuush/ Fari’oon/ Ilmi Aduufi Samii /kan Waaqaa/ jedhee of moggaase.
Ilmaan sadii qaba ture. Isaanis “Seet”, ilma hangafaafi “Oraa”n ilma quxusuu ykn maandhaafi intala durbaa “Asesii” ykn Adbaar jedhamtu qaba ture.
Maatiin kun waliin jireenya keessatti gaafa tokko walitti bu’anii obboleessi guddichi quxusicha rukutee ajjeese. Gocha kanatti baay’ee kan gaddite Atet ykn Ateeteen iddoo obboleessishee Oraan du’eefi itti awwaalametti biqiltuu Odaa dhaabde.
Kana booda akka guddatuuf malkaa Abbayyaatti bishaan waraabdee kunuunsaa turte. Isheenis waggaa waggaan obboleessa yaadachuuf iddoo awwaalasaa deemtee irreechaa ka’uu qabde.
Gocha kana kan argan Maatii walajjeese jidduutti nageenyiifi araarri akka bu’u waaqa “Aduu, Samiif” nageenya akka buusuuf kadhatte. Yeroo boodas Waaqayyo dheekkamasaa nageenyatti jijjiiree; Roobnis roobuu qabe, maatiin walajjeeses gumaadhaan araarame. Kanaafis kadhaa Ateeteen Odaa jalatti gooteen akka raawwate hubannoo argatan.
Kanarraa ka’uun yeroo sanaa kaasanii Odaan lafa seeraafi marii ta’e. Ateeteenis Ayyadaa nageenyaafi eegduu maatii akka jedhamtu taate. Ayyadaa ittifufeensa dhaloota ykn sanyii nageenyaafi haadha deessuu jedhamte. Hayyuu beekamaan Tsaggaayee G/Madin Qawweessa Barruulee Xoophiyaa (1997) yaada kana yoo ibsu akkana jedha.
Dhugeeffannaa Oromoo keessatti aadaafi duudhaasaa ganamaa yaadachuuf wayitii Irreechaa Malkaawwan guguddoofi haroowwanitti hirreeffachuufi siidaawwan dhadhaa muuduun /muuda/ iccitii armaan olitti ka’aa ture ibsuuf kan godhamudha jedha.
Abbootiin keenya, gurraachonni dur Misraafi Nuubiyaa keessa jiraataniifi ammallee darbanii darbanii sanyiinsaanii Gibtsi keessa jiran Kushoonni otoo weerara Giriikotaafi waraanni pershiyaa, akkasumas weerara Otuman Turkiifi Arabootaan hinrukutamin dura gara kibbaatti otoo hinsocho’in /gara Abbayyaa jiddugala/ Nuubiyaa, biyya Maraweefi Saabaa jedhamuufi lafa naannawa mudhii /sabbata lafaatti/ hinbaqatin dura waggaa waggaan ayyaana Irreeffannaa /galata/ gaggeessaa turan.
Kan nama dinqisiisu akkuma yeroo ammaa biyya keenyatti baatii Fulbaanaa keessa /Iyyoo Ababaayee/ jennee gammachuu keenya ibsinu isaan immoo malkaan Abbayyaa guutee qonna isaaniif haalli mijaa’uu baatiidhuma kana keessa waggaa waggaan ayyaana guddaa qabu. Haala kanaan baatiin Fulbaanaa ummata duriifi ammaatiifis yeroo ayyaanni guddaan bifa walfakkaatuun ittikabajamuudha.
4. Irreechaafi Aadaa dhugeeffannaa
Yeroo ammaa biyya keenyatti jala bultii ayyaana Qaam’ee keessaa guyyoota shan otoo walirraa hinkutiin gara malkaafi haraa deemuun dhiqachuufi cuuphamuun, aadaadhuma kana yaadachuuf yoo ta’u, Oromoota sirna waaqeffannaa hordofan biratti immoo baatiidhuma kana keessa guyyaa Irreechaarraa kaasee hanga guyyaa shaniitti gara malkaatti deddeebi’anii waaqeffachuufi irreeffachuun yaadannoo, (faatiin) aadaa durii kanaan kan walqabateedha.
Seenaa Oromoo Kuushotaafi Nuubiyoota durii keessatti waggaa waggaan gara malkaa Abbayyaa deemuun dhiqachuun cubbuurraa of qulqulleessuu akka ta’etti fudhatamaa ture. Kana malees mootonnisaanii gara malkaa bu’uun, sirna muudamasaanii kan itti raawwataniidha.
Kunis mataansaanii qofa otoo hinta’iin maamiltootaafi biyyoota isaan jalatti bulan mararratti abbootii Gadaafi warreen aangoo qaban yeroo itti muudaniidha. Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee (hayyuu seenaa)

Madda: Gaazexaa Bariisaa