Victoria: Tarkaanfii Qoqqobbii Laaffisuu marroo Sadaffaa

Mootummaan Victoria Sa’aa 11:59 halkan Dilbata, 9 Sadaasa (November) bara 2020 iraa eegalee, qoqobbiileen baadiyaa Victoria fi magaalaa Melbourne keeysa turan/jiran ilaalchisee qajeelfamoota armaan gadii dabarsee jira.

Yeroo kana irraa eegalee :

Sababa kamiif illee mana kee irraa deemuu dandeessa.
Fageenya deemuu qabdu irra qoqqobbiin hin jiru. Victoria keessa bakka kam illee deemuu dandeessa. Hayyama si hin barbaachisu.
Haguuggoo/ Mask sitti tahu ufatu qabda yaroo manarraa deemtu, yoo sababa seerawaa tahe kan hin uffanneef qabaate malee.
Haga nama 10 gautti allatti wal gahuun ni danda’ama, namoonni 10 ol warra tokkorraa kan ta’an wallitti dhufuun ni danda’ama. Kuniis alatti iddoo oolamayaa kan akka (Park) yokaa handaara bahar (beach) tahu qaba. Garuu aluma mana jireenya keeti tahuun qabu.
Mana keetti keessummoota si dubbisan lama tarii qabaatuu malta. Namootni lamaan si dubbisuu mana kee dhufan tarii warra gara garaa lama irraa tahuu danda’u, kan kunuunsanis of faana fidanii dhufuu danda’u. Keessummootni lamaan tarii sa’aa adda addaatti si dubbisuu dhufuu danda’u.
Victoria keessa bakka qubsumaa (accommodation) qabattee boqonnaaf deemuu dandeessa. Namoota waliin jiraattu, jaalalloo kee, yookaan hanga namoota lamaa fi ijoollota isaanii, yookaan kanneen isaan kunuunsa kennaniif fi isaan biraas hafuu hin dandeenye yookaan bakka biroo kunuunsi itti kennamuuf kan hin qabne waliin bakka qubsumaa (accommodation) waliin hirmaatuuf qabatuu dandeessa.
Gabaaleen, hojattooni bareedina rifeensaa, bakkeen rifeensa itti ciran fii maneen bareedina (salooniin) banaadha (haguuggoo fuulaa ufatamu qaba), karoora COVIDSafe irrati hundaawa
Manni nyaataa, manni dhugaatii fi manni bunaa ala keessatti namoota 70 fi mana keessatti hanga namoota 40 baay’ina gurmuu namootaa fi teessuma jiru irratti hundaawee keessummeessuuf banaa tahuu danda’a.
Baay’ina waliigalaa keessummootaa irratti hundaawee bakki nyaataa gabaa keessaa (food court) banaa dha.
Sochiin qaamaa mana keessaa namoota gudguddaaf, jiimii fi leenjii kutaa keessaa dabalee hanga namoota kudhanii itti fufuu danda’a. Bakki daakaa ala yoo baay’ate namoota 50 fi mana keessa namoota 20f banaa dha.
Isportii fi bakki bashannanaa mana keessaa kan qaamaan wal-xuqa hin qabne namoota umriin dhalootaa 18 fi sanii gadi taheef itti fufa. Hanga namoota 20 isportii waliin xabachuu ni danda’an. Biratti argamnaii ilaaluuf warra yookaan guddisee tokko qofatti murtaawe.
Walfuudhi hanga namoota 10 qabaatuu danda’a (namoota ragaa tahan lama dabalatee). Warra wal fuudhan lameen, kan sirnicha gaggeessu fi fakkoo (photo) kan fuudhu lakoysi kun hin dabalu. Walfuudhii mana keettitti, yokaa bakka dhuunfaatti gaggeessita yoo tahe qoqqobbiin kennamu ni jira.
Sirni awaalchaa mana keessatti hanga namoota 20 fi mana keessaa alatti namoota sirna awaalaa gaggeessan dabalee hanga namoota 50 qabaatuu danda’a. Qoqqobbiin kun daa’imman baatii 12 gadi tahan hin dabalu.
Waaqeffannaaf alatti walitti qabamuu fi awaalchaaf hanga namoota 50 fi gaggeessaa amantii ni danda’ama.

Tarkaanfii Xumuraa:

Gorsa fayyaa ummataa irratti hundaawee. Dilbata, Sadaasa (November) 22 bara 2020 dura Victoria Tarkaanfii Xumuraa irra geessi jedhamee eegama.

Yeroo kana irraa eegalee:

Alatti hanga namoota 50 wal gahuu ni danda’u
Bakki gabaa hundi ni banamu.
Bakki bareedinaa (beauty) fi tajaajila dhuunfaa (personal services) bakka namootni tajaajilaaf dhufan haguuggoo fuulaa itti of irraa baasanii tajaajilamuu danda’ aniidha.
Manni nyaataa fi manni bunaa gartuu heddummatan keessummeessuuf banaa tahuu danda’an.
Nageenya eeggachuu irratti hundaawee bakki ispoortii hundi itti fufu.
Hanga baay’ina namootaa irratti hundaawee bakki kadhannaa ummataa banaa tahu (lakoysa namootaa bakkichatti qabaatuu dandeessu).
Walfuudhi hanga namoota 100 qabaatuu danda’a. Mana keettit walfuudha gaggeessita yoo tahe lakoysi namootaa adda taha.
Sirni awaalchaa hanga namoota 100 qabaatuu danda’a. Qoqqobbiin kun namoota sirna awaalchaa gaggeessan yookaan daa’imman baatii 12 gadi tahan hin dabalu. Sirni awwaalchaa kun mana keetti gaggeessama yoo tahe qoqqoobbii addaa qabaata.
COVID Sirreessuu (COVID Normal): gorsa fayyaa ummataa irratti hundaawa.

Yeroo kana irraa eegalee:

Haala nageenyaa irratti hundaawee qoqobbiin ni laaffata yookaan ni kaasama.
Namoota mana irraa dalagaa turaniif bakka dalagaatti deebi’uun ni eegalama.
Akkamiin akka nagaa fi nageenyaan jiraattu
Dhibeen coronavirus (COVID-19) amma illee nu irraa hin deemne, saphlaatti deebi’ee babal’achuu (facahuu) danda’a. Nageenya maatii fi hawaasa keenyaa eeguuf nuti hundi waan nu irraa eegamu godhchuu qabna.

Nagaan turuuf waan ati saphlaatti godhtu kunoo ti:

Harka kee saamunaa fi bishaaniin yoo xiqqaate sekondi 20f dhiqadhu.
Haxooftuu (tissue) yookaan ciqilee kee keessatti qufa’I yookaan haxxifadhu.
Namoota kaan irraa wal irraa hiiqa yoo xiqqaate meetirii 1.5 eeggadhu.
Yeroo mana kee irraa deemtu haguuggoo fuulaa siif tahu kan afaan fi funyaan kee haguugu uffadhu.
Mana yaalaa deemii ilaalami.
Yoo dhukubde mana turi. Maatii dubbisuu yookaan dalagaa hin deemin.
Yoo mallattoo dhukubaa qabaatte deemii laalami, gara manaatti deebi’i.
Gargaarsi ni jira
Dhibee dhukubaa laalamtee hanga itti-baha isaa eegattutti galii maallaqaa dhabuun yoo si yaaddesse gargaarsa Lalamuu Adda Of-baasuu (Test Isolation) coronavirus (COVID-19) argachuuf gahaa ni taata. Kunis akka ati mana ittiin turtuuf si gargaara.

Yoo dhibee dhukubaa qabaatte yookaan nama dhibee dhukubaa qabu waliin qunnamtii dhihoo qabaatte , kafaltii maallaqaa $1,500 argachuuf gahaa tahuu malta. Odeefannoo dabalaaf Toora Gargaarsa Bilbilaa Coronavirus 1800 675 398 irratti bilbili. Yoo afaan hiikaa barbaadde lakoysa duwaa (0) tuqi.

Yoo ati yookaan namni biroo sodaa yookaan yaaddoo jabduun itti galte Lifeline lakoysa bilbilaa 13 11 14 irratti yookaan Beyond Blue, 1800 512 348 irratti itti bilbiluu dandeessa. Yoo afaan hiikaa barbaadde jalqaba 131 450 bilbili.

Yoo qofummaan sitti dhagahame Toora Gargaarsa Bilbilaa Coronavirus (Coronavirus Hotline) 1800 675 398 irratti bilbilii lakoysa (3) xuqi. Nama afaan siif hiiku yoo barbaadde lakoysa duwwaa (0) xuqi. Tola-ooltota (volunteer) Australian Red Cross kan tajaajila naannoo waliin wal si agarsiisanitti bilbili kun wal si qunnamsiisa.

Deeggarsa $450 qorannoo Vaayirasii Koronaa (COVID-19)’f kennamu – $450 Coronavirus (COVID-19) testing support (PDF)
Kafaltii Hojii Hafuu Dhibee Daddabraa $1500 – $1500 Pandemic Leave Disaster Payment (PDF)
Haguuggoo fuulaa
Namni hundi kan umriin 12 fi sanii ol tahan yeroo mana irraa ala deeman yoo sababa seerawaa tahe qabaatan malee haguuggoo fuulaa kan funyaan fi afaan isaanii sirriitti hguugu uffachuu qaban. Fakkeenyaaf:

Dhibee dhukuba gogaa fuula kee irra akkaan cimaa tahe yookaan rakkoo afuura baasachuu yoo qabaatte
Ofii qofa yookaan maatii kee waliin konkolaataa keessa jirta yoo tahe
Sochii qaamaa hargansiisaa tahe hojjetaa jirta yoo tahe, garuu amma illee haguuggoo fuulaa baattee deemuu qabda.
Haguuggoo fuulaa kan funyaan fi afaan kee haguugu siif tahu uffachuu qabda. Kan fuula haguugu (shields) cittuu huccuu (bandanas), yookaan maratni (scarves) ofii isaaniitii fuula haguuguuf gahuu tahuutti hin fudhataman.

Qoqobbiin saphlataa fi sochiin dabalaa waan jiruuf haguuggoo fuulaa funyaan fi afaan haguugu uffatuun baay’ee barbaachisaa dha.

Laalamuu fi adda bahuu
Mallattoo kam illee kan dhukuba coronavirus (COVID-19) yoo qabaatte laalamuu fi hanga itti baha isaa argattutti mana turuu qabda. Gara dalagaa yookaan gabaa hin deemin.

Mallattoon coronavirus kan inni dabalu:

Layidaa (qaama gubaa), dhaamochiisa yookaan dafqisiisaa
Qufaa yookaan dhukubbii laagaa keessaa
Afuura-kutaa
Furreessaa
Foolii fi dhandhama adda baasachuu dadhabuu
Coronavirus hundi tola laalama . Kunis kan dabalatu namoota Medicare hin qabne, namoota biyya alaa irraa do’annaaf dhufanii, hojetoota godaanoo (migrant workers) fi kolu-galtoota (asylum seekers) dabala.

Yoo dhibeen dhukuba coronavirus (COVID-19) si irratti argame, mana kee keessatti qofaatti bahuu qabda. Odeeffannoo dabalaaf yoo dhibeen dhukuba coronavirus (COVID-19) si irratti argame maal godchuu akka qabdu laali.

Nama dhibee coronavirus (COVID-19) qabu waliin qunnamtii dhihoo yoo qabaatte guyyoota 14 addatti bahu qabda. Odeeffannoo dabalataatiif yoo nama dhibee dhukuba coronavirus (COVID-19) qabu waliin qunnamtii dhihoo qabaatte maal godchuu akka qabdu laali.

Gargaarsa
Wanneen kanaa gadii kana kara email, sabaa-himaalee yookaan hidhata hawaasaa qabduun hawaasa keef qoodi.

Laalamuu fi adda bahuu
Nama KOOVID-19 qabu waliin yoo tuxxuqqii dhiyeenyaa qabdu ta’e maal akka gootan – What to do if you have been in close contact with someone with coronavirus (COVID-19) (Word)
Nama KOOVID-19 qabu waliin yoo tuxxuqqii dhiyeenyaa qabdu ta’e maal akka gootan – What to do if you have been in close contact with someone with coronavirus (COVID-19) (PDF)
Yoo dhibee vaayirasiikoronaa (KOOVID-19)’n qabamtanii ta’ee maal akka gochuu qabdan – What to do if you’ve tested positive for coronavirus (COVID-19) (Word)
Yoo dhibee vaayirasiikoronaa (KOOVID-19)’n qabamtanii ta’ee maal akka gochuu qabdan – What to do if you’ve tested positive for coronavirus (COVID-19) (PDF)
Coronavirus (COVID-19) laalamuun yeroo hin fudhatu, miidhaa hin qabu, saphlaa – Coronavirus (COVID-19) testing is quick, safe and easy (Word)
Coronavirus (COVID-19) laalamuun yeroo hin fudhatu, miidhaa hin qabu, saphlaa – Coronavirus (COVID-19) testing is quick, safe and easy (PDF)
Get tested poster coronavirus (COVID-19) – (PDF)
Get tested social tile
Coronavirus (COVID-19) ilaalamuu – Testing for coronavirus (COVID-19) fact sheet – (Word)
Coronavirus (COVID-19) ilaalamuu – Testing for coronavirus (COVID-19) fact sheet – (PDF)
Nagaan turuu
Balaa vaayirasiikoronaa (KOOVID-19) keessan hir’isaa – Reduce your risk of coronavirus (COVID-19) poster (Word)
Balaa vaayirasiikoronaa (KOOVID-19) keessan hir’isaa – Reduce your risk of coronavirus (COVID-19) poster (PDF)
Three ways to stay safe poster coronavirus (COVID-19) – (PDF)
Dhiqadhu harka kee yaroo hunda – Poster – Wash your hands regularly
Hagoogi qufaa keetiifii haxxisoo kee – Poster – Cover your cough and sneeze
Gargaarsa argachuu
Kafaltii Hojii Hafuu Dhibee Daddabraa $1500 – $1500 Pandemic Leave Disaster Payment (PDF)
Kafaltii Hojii Hafuu Dhibee Daddabraa $1500 – $1500 Pandemic Leave Disaster Payment (Word)
Deeggarsa $450 qorannoo Vaayirasii Koronaa (COVID-19)’f kennamu – $450 Coronavirus (COVID-19) testing support (PDF)
Deeggarsa $450 qorannoo Vaayirasii Koronaa (COVID-19)’f kennamu – $450 Coronavirus (COVID-19) testing support (Word)
Tajaajila si barbaachisu akka itti argattu – Factsheet – How to access the services you need (Word)
Karaa gargaarsa ittiin argachuu dandeysu yoo kan nagaya dhabni sitti dhagahamu taate, yokaan yaaddoftee cinqamte yaroo dhukubni Korona Vayrasi (COVID-19) jiru kana keysatti – Emergency support fact sheet – (Word)
Karaa gargaarsa ittiin argachuu dandeysu yoo kan nagaya dhabni sitti dhagahamu taate, yokaan yaaddoftee cinqamte yaroo dhukubni Korona Vayrasi (COVID-19) jiru kana keysatti – Emergency support fact sheet – (PDF)
Gargaarsa gajahumsa (jeequmsa) maatii – araddaa manooma ummataa (public housing) – Family violence support – public housing estates (Word)
Fuula haguuggachuu
Akkaataa maaskiin fuulaa itti uffatamu – How to wear a face mask – Oromo (Word)
Akkaataa maaskiin fuulaa itti uffatamu – How to wear a face mask – Oromo (PDF)
Akkaataa maaskiin huccuu ittiin hojjetamu – Design and preparation of cloth mask – Oromo (PDF)
Akkaataa maaskiin huccuu ittiin hojjetamu – Design and preparation of cloth mask – Oromo (Word)

Madda:https://www.dhhs.vic.gov.au/coronavirus/oromo