Dhaha ykn kalaandarii Oromoofi simannaa bara haaraa

Gaazexaa Bariisaa
Dhaha (hennaa) jechuun guyyoota baatii keessatti argaman ykn faana buutuu Gadaa Oromoo jechuudha. Oromoon yoo bara lakkaa’u akka biyyoota biroo Aduu dhiitee bariitu qofarratti hundaa’a utuu hintaane sochii ji’aa (baatii)fi Urjii irraattillee kan hundaa’eedha.
Kunis dhaha Urjii ykn ‘Guided by stars’ jedhama. Akka kalaandarii Oromootti ji’a ykn baatii tokko kan jedhamu guyyoota 29fi walakkaa of keessaa qaba. Guyyaan walakkaa jedhamu eessaa ba’e? jettanii gaafachuu dandeessu. Oromoon callisee Aduu baatee seentuun guyyaa tokko hinjedhu.
Hayyoonni dhimma kanarratti qorannoo adeemsisanis yeroo tokko tokko guyyaan dheeratee halkan waan gabaabbatuuf yeroo mara guyyaafi halkan akka tokko hintaane bira ga’uudhaan yaada warra Aduu baatee seentuun guyyaa tokko jedhanii fashaleessaniiru.
Oromoon garuu kana utuu qorattoonni hinqoratin durayyuu waan beekuuf Aduu dhiitee bariituun guyyaa tokko jedhee hinlakkaa’u.
Oromoon ji’a ilaaluudhaan guyyaa murteessa. Akka hayyootni Oromoo jedhanitti, ji’i gaafa baatu keessa isheetti sararaa geengoo ykn marfata qabdi. Hayyoota jechuun warra ji’a ilaalanii teessuma guyyaa murteessan jechuudha. Ji’a kan ilaalan meeshaadhaan osoo hintaane kennaa Waaqni ganama kenneefitti fayyadamuuni ykn ijasaanii qofaan ilaaluuni. Hayyootni kunneen Sirna Gadaa keessattis ta’e ummata Oromoo biratti kabajaafi iddoo guddaa qabu.
Ji’i tokko baatee gaafa goobantu dhuma rratti sararri geengoo (marfati) ji’a kana keessaa mul’atu guutuu 29fi walakkaadha. Sararri geengoo ji’a kana keessaa mul’attu tokkoonshee naannoftee gaafa walquunnamtu guyyaa tokko jedhamti.
Ji’i kun garuu jalqaba gaafa baatu walakkaa qofaatu ba’a. Kanaaf sararri dhuma irratti ji’a tokko keessaa mul’atu 29fi walakkaa ta’a. Kanaafuu akka lakkoofsa Oromootti ji’i tokko guyyoota 29fi walakkaa qaba jechuudha.
Akka kalaandarii addunyaatti ji’i Onkoloolessaa (October) kan murtoofte miti. Fkn bara 2012 guyyaa 29n dhume. Bara 2013 hanga 2015tti ammoo guyyoota 28n dhume.
Bara 2016 ammoo deebi’ee guyyoota 29n dhume. Ji’i Onkoloolessaa (October) jedhamu kun guyyoota 28 qabaachuun haa beekamu malee waggaa afuritti si’a tokko guyyaa 29 ta’a. Habashaanis kalaandarii addunyaa wajjin walqixxeessuuf ji’a 13fa (Qaam’ee) kan jedhamtu waggaa afuritti si’a tokko kan guyyoota shan turte guyyoota ja’a taati.
Kanaaf sababa yoo gaafattan kaalaandariin addunyaas ta’e habashaa deebii quufsaa isiniif hinkennu. Kalaandariin Oromoo garuu kanaaf sababa quubsaa qaba. Akka kalaandarii Oromootti ji’i tokko guyyoota 29fi walakkaa haaqabaatu malee waggaa afuritti si’a tokko ji’i Onkoloolessaa guyyoota soddomaan dhuma.
Guyyaa kana akkuma Ji’aa, Urjiiwwan Oromoon guyyaa murteessuufitti itti dhimma ba’u kunneen Lamii, Buusan, Bakkalcha, Algaajimaa, Arba, Gaadduufi Wallaa jedhaman torban osoo sararasaanii irra naanna’anii waggaa afuritti si’a tokko sararri isaanii walargee guyyaa kana walirra oolu.
Baatiin urjiiwwan walirra oolan baatii itti ji’i Onkoloolessaa baatuudha. Yeroo kana ji’i kanaan dura jalqaba walakkaa taatee baatu guutuu taatee jalqabdi. Kanaaf dhumarratti sararri geengoo ji’a kana keessaa mul’atu guutuu soddoma taati. Guyyaan ji’a kana keessa lakkaa’amus soddoma ta’a.
Akka Sirna Gadaatti guyyaan kun guyyaa itti Abbaan Gadaa aangoo qabatee jiru bara hojiisaa itti walakkeeffatuudha. Guyyaa kanas hojiileen Abbaan Gadaa waggoota afran darban keessa raawwate sakatta’amee wantoonni sirrachuu qaban waggoota afran dhufanitti akka sirrataniif yeroo itti gabaasni Abbaa Gadaatiif dhiyaatu jedhamee beekama.
Akkuma kanaa olitti ibsame kalaandarii Oromoo keessatti guyyootni ji’a tokko keessatti argaman walitti ida’amanii ji’oota waggaa tokko keessatti mul’atan 12n yoo baay’atan guyyoota 354 ta’u. Kalaandariin addunyaa garuu guyyootni waggaa tokko keessa jiran 365 jedha.
Dhimma kanarratti kalaandariin Oromoo sababa quufsaa ta’e dhiyeessuudhaan kansaa sirrii ta’uu mirkaneessa malee guyyoota waggaa kalaandarii Habashaa waliin walqixxeessuuf ji’a dabalataa ykn Qaam’ee uumee waan hinjirre hindalagu. Sababni Oromoon dhimma kanarratti dhiyeessu maali laata? Akka kalaandarii Oromootti guyyaan barri haaraan itti waljijjiiru yoomi?
Akka kalaandarii Oromootti guyyootni waggaa tokko keessa jiran 354dha. Kalaandariin addunyaa ammoo guyyootni waggaa tokko keessa jiran 365 jedha. Kamtu sirrii akka ta’e mirkaneeffachuuf dhufaatii kalaandarii addunyaan kun ittiin bultu (Gregorian Calendar) haa ilaallu.
Kalaandariin Girigooriyaa bara 1582 nama ‘Pop Gregory XIII’ jedhamuun dalagame. Isa dura addunyaan kalaanderii Roomaa ‘Julian Calendar’ jedhamuun fayyadamaa turte. Kalaanderiin warra Roomaa kun waggaa tokkotti sekondii 10.3 boodatti hafaa ture jechuudhaan sababa ‘Pop Gregory’ dhiyeesse irratti walmormii guddaa uumullee addunyaan kalaandarii haala teessuma biyyoota addunyaa hunda giddugaleeffate kalaandarii Girgooriyaa fudhachuuf dirqamte.
Gaafa kalaandariin Girgooriyaa hojiirra oole akka warra Juliyaanitti Onkoloolessa (October) 4 bara 1582 ture. Kalaandariin Girgooriyaa garuu kanaan dura guyyaan duubatti hafe jira jedhee waan amanuuf guyyoota 11 itti ida’ee Onkoloolessa (October) 15 bara 1582 jedhee jalqabe.
Dhimma kana irratti Faransaay, Ispeeniifi Poorchugaal yeroodhaaf mormii dhiyeessanii fudhachuu baatanis kalaandarii mataasaanii waan hinqabneef waggoota muraasa booda fudhataniiru.
Warri Roomaa garuu hanga har’aatti garaagarummaan guyyoota 11 waan gidduutti uumameef kalaandariin Girigooriyaa guyyoota 11 hateera jedhanii falmu.
Fakkeenyaaf Turki yoo fudhanne kalaandariin Girgooriyaa kun guyyoota 11 seeraan ala itti dabaleera jettee osoo falmituu dhuma irratti kalaandarii dhuunfaa ishee waan hinqabneef Amajjii (January) 01 bara 1927 fudhachuu dandeesseetti.
Oromoonis hanga har’aatti kalaandariifi eenyummaan isaa hin ukkaamamne osoo ta’ee akkuma biyyoota kanaa kalaandariin Girigooriyaa guyyoota 11 hateera jedhee warra dubbatu ture.
Sababnisaas kalaandariin Girigooriyaa waggaa keessa guyyoota 365tu jira jechaa jira. Kalaandariin Oromoo garuu waggaa tokko keessa guyyoota 354tu jira jechaa jira. Akka kalaandarii Oromoofi Girigooriyaatti waggaa tokko keessa garaagarummaa guyyoota 11tu jira. Haata’u malee ‘Pop Gregory’ gaafa kalaandarii kana uume biyyootni addunyaarra jiran kalaandarii mataasaanii akka hin uumne hindaangessine.
Kalaandarii inni uume kun kan biyyoota hunda giddugaleeffateedha jedhe malee kan biyyoota hunda sirriitti bakka bu’uudha hinjenne. Kanaaf kalaandariin Oromoo sababa quubsaa waan qabuuf akka teessuma lafa Oromiyaatti guyyootni waggaa tokko keessa jiran 354dha jedhee yoo dhiyeeffate namni lakkii 365dha jedhee isa mormu hinjiru.
Habashootni ji’i tokko guyyoota 30 qaba jedhanii waan amananiif waggaa tokko keessa guyyoota 360tu jira jechuu ni danda’u turan. Garuu raga waan hinqabneefi lakkoofsa akkasumas haalli lakkoofsasaanii maalirratti akka hundaa’e waan hinbeekneef gara kan addunyaatti siqsiisuun dirqama ta’e.
Kanaafis ji’a 13fa uumuudhaan guyyaa shan itti dabalanii kan addunyaa waliin walqixxeessan. Kun ammoo kalaandariin Habashaa soba irratti kan hundaa’e ta’uu agarsiisa. Fakkeenya biroo yoo kaafne biyyootni biroon guyyaa dhaloota Kiristoos Mudde (December) 25 jechuudhaan bara haaraa simatu.
Walumaagalatti yeroo kalaandariin Juliyaa cufamee Girgooriyaan banamu guyyootni 11 itti dabalame sun biyyoota baay’ee biratti rakkoo uumee jira. Kalaandarii Oromoos kan mudate kanumaadha malee kalaandariin Oromoo dhugaarratti kan hundaa’eedha.
Dhimmi keenya inni ijoon Oromoon guyyaa kamiin bara haaraa simata isa jedhuudha. Oromoon akka dhahaasaatti waa’ee bara haaraa waan beeku hinqabu. Oromoon kan beeku bara haaraa osoo hintaane Gadaa haaraadha.
Oromoo biratti bara haaraa ykn Gadaa haaraa kan jedhamu gaafa Abbaan Gadaa aangoorra jiru Abbaa Gadaa isa ittaanuuf aangoo dabarsuudha. Guyyaa kana wanti hundumtuu ni haareffama. Kanaaf Gadaa haaraa ykn bara haaraa jedhama.
Intala ykn ilma Oromoo tokkoon bara kam dhalatte jettee hingaafattu. Gadaa kam dhalatte jettee gaafatta malee. Isheen ykn innis Gadaa abaluun dhaladhe jettee/ jedhee siif deebisa. Oromoo biratti wanti sirna Gadaatiin ala ta’ee bara haaraa jedhu hinjiru.
Bara haaraa ykn Gadaa Haaraa kan jedhamu gaafa Oromoon aangoo waliif dabarsuudha. Bara lakkkaa’uu kan barbaachisu yoo ta’e ammoo Oromoon bara 6414 keessa kan jiru yoo ta’u, bara haaraa kan simatu ammoo ji’a Muddee fixee Amajjii gara jalqabaatti.
Akka dhahaa Oromootti waggaan tokko baatiiwwan 12 qaba. guyyootni ji’a keessa jiran hundinuu maqaa, hiikaafi milkii mataasaanii qabu.
Isaanis 1.Innika, 2.Soonsa, 3.Alkaajima, 4.Arba, 5. Walqaa, 6. Basaa duraa, 7. Basaa boodaa, 8.Carraa, 9. Dureettii, 10. Dullattii duraa, 11. Dullattii boodaa, 12. Salbaana duraa, 13. Salbaana jidduu, 14. Salbaana boodaa, 15.Gardaaduma, 16. Waata, 17.Ruuruma, 18. Lumaasaa, 19, Gidaadaa, 20. Ruuda, 21. Areerii duraa, 22. Areerii boodaa, 23. Aduulaa duraa, 24. Aduula boodaa, 25.Garba duraa, 26. Garba jidduu, 27. Garba boodaafi 28. Bitaa jedhamu.
Guyyootni torban keessatti argamanis hiikaafi milkii mataa isaanii qabu. Isaanis Wiixata- guyyaa ekeraa, Kibxata -guyyaa biqilaa, Roobii- guyyaa cagginoo, Kamisa- guyyaa ateetee, Jimaata- jimuu dhiigaa, sambata- Dhaabaa lakkuufi Dilbata- Dhaabaa lakkuu jedhamuun beekamu.
Walumaagalatti aadaa ummatni Oromoo ittiin beekamu keessaa kan daran nama ajaa’ibsiisu lakkoofsa guyyaafi kan waggaa ofiisaa qabaachuusaati odeeffannoon websaayitii afaan oromo dot komirraa arganne.
Natsaannat Taaddasaatiin